Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajaji Prezidaant Traamp Kan Uggura Imalaa Hojii Irra Oole


Ajaji uggura imalaa kan prezidaant Doonaald Traamp erga jalqaba baatii Amajjii darbe mallatteessanii har’a hojii irra ooluuf jira.

Manni murtii ol aanaan biyyattii ajaja sana kaleessa akeekkachiisa barbaachisaa waliin kan mirkaneesse yoo ta’u manen murtii ol iyyannaa lamaanis raggaasiamuu qaba.

Abboonni murtii mana murtii ol aanaa torba bulchiinsa Traampiin kan walii galan yoo ta’u lama jechuun Ruth Bader Ginsbur fi Soniya Sotomayor uggurri sun hangi tokko qofti hojii irra ooluu qaba jedhu. manni murtichaa murtii kenne kanaaf sababaa isaa hin ibsin jira.

Ajaji uggura imalaa sun waggaa tokko waan ta’uuf manneen murtii keessatti danqame. Bulchiinsi tramp ajaja sana yeroo sadii keessa deebi’ee xiinxaluun barreesse. Inni sadaffaan kaleessa mana murtii ol aanaan darbee jira.

Ajaji Uggura Imalaa sun biyyoota irra jireessa musliima ta’an Chaad, Iraan, Liibiyaa, Somaaliyaa, Siiriyaa fi Yemen ilaallata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG