Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Jerusaaleem Magaalaa Galma Mootummaa Ti Jechuun Bekkannaa Kennuun Walitti bu’iinsa Uume


Mormii Warra Faalisxiin
Mormii Warra Faalisxiin

Prezidaantiin US Doonaald Traamp Jerusaaleem magaalaa galma mootummaa Israael jechuun beekkannaa kennanii guyyaa tokko booda West Bank fi Gaazaa keessatti momitoota Faalisxiinotaa fi loltoota Israael gidduutti walitti bu’iinsi uumame.

West Bank keessatti jamaan mormitootaa humnootii Israaelitti dhakaa ka darban yoo ta’u Ramallah keessatti immoo gommaatti ibiddda qabsiisan. Walitti bu’iinsa kanaan namooni hanki tokko miidhamanii jiran.

Magaalaa Kitaaba Qulqulluu keessatti beekamtu Bethlehem bakka dhaloota Gooftaa Yesuusitti loltoonni ujummoon bishaan akkasumas mormitoota irratti gaazii imimmaansu biifanii jirna.

Gaazaa keessatti immoo mormitoonni suraa Traampii fi kan muummichia ministeeraa Benjamin Natanyaahuu akkasumas alaabaa Ameerikaa fi kan Israael guban.

Warri Faalisxiin suuqilee fi manneen barnootaa cufuun hojii dhaabanii jiran. Hoogganaan garee Hamaas kan Gaza bulchu Ismail Haniyeh lolli waraana Faalisxiin Israel irratti akka ka’u gaafatee jira.

Sodaan jiru kan hammaate yoo ta’u Israel humnootii ishee West Baank kan Jerusaaleem gama dhigaa fi daangaa Gaazaa irratti bobbaasaa jirti.

Traamp Jerusaalem magaalaa galma mootummaa Israel jechuun beekkannaa kennuun biyyoota Arabaa fi addunyaa musliimaa akkasumas aarii kan qabsiise yoo ta’u michoota US biraa illee akeekkachiisa dhaqqabsiisee jira.

Faalisxiinoni Jerusaalem gama bahaa magaalaa guddoo isaanii kan hegeree taati yoo jedhan majiida guddicha Al-Aqsa jedhamu illee gamasitti argama.

Traamp Embaasii Ameerikaa Kan Israa’el Gara Jerusaalemitti Dabarsuuf Karoorsan

Muummichi ministeeraa Israael Benjamin Natanyaahuu biyyoonni ka biroonis UStti aansuu dhaan Jerusaaleem magaalaa gallma mootummaa biyya isaanii ta’uu isheef beekkannaa kennanii embaasii isaanii gamasitti akka dabarsan shakkii hin qabu jedhan.

Nattanyaahuu mootummaan isaanii biyyoota kanneen biroo waliin mari’ataa jiran, garuu ennaa minstrii dhimma alaa Israaelitti argamuun haasaa dhageessisan maqaa biyyoota Sanaa hin tuqne.

Waraanni Israael loltoota itti dabalaa of eeggannoof jecha West Bankitti bobbaasee jira.

Murtiin Ameerikaa kan Doonaald Traampiin irra ga’ame imaammata US kan kurna hedduu Yerusaalemiin ilaalchisuun jiru jijjiiruu dhaan embasii Ameerikaa Tel Aviv keessaa kaasuuf yaadi jiru hoogganoota Faalisxiin dheekkamsiisee jira.

Prezidaantiin Faalisxiin Mahamoud Abbas akka jedhanitti karoorri Traamp adeemsa araaraa keessatti qooda US qabdu faallessa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG