Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qilleensi Hamaan Ka’e Ibdida Caalifoorniaa Ittisuuf Rakkoo Uume


Qilleensi hamaan, ibidda Los Angeles cinatti ka’e akka hin dhaamsineef tattaaffii godhamaa jiru danqe jechuu dhaan haala hamaa jiru angawoonni Kaalifoorniyaa gama kibbaa beeksisan.

Qabeenyaan hagamii iyyuu haala kana tasgabbeessa jedhee hin yaadu jechuu dhaan direkterro kutaa ittisa ibidda Kaalifooriyaa Ken Pimlotti akeekkachiisan.

Bubbee sa’aatiitti km 145 fiigu hanga jirmaataatti itti fufa jedhamee waan eegamuuf uummati naannoo sana akka ba’an hoogganaan kutaa ittisa ibiddaa Los Angeles Daryl Osby akeekkachiisanii jiran.

Hamma har’a ganamaatti ibbiddi bosonaa LA fi konyaa Ventura gubaa jira. Ibiddi inni hmaan kan magaalaa la Kaaba gama dhiyaa keessaa lafa hectaara kuma 40 fi biilsaalee 150 mancaase.

Manneen barnootaa dhibbaan laka’aman kan LA keessaa har’a cufaatti iilan.

Waggaan barnaa ibiddi Kaalifoorniyaa keessatti Ka’e isa hamaa dha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG