Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jerusaaleem Magaalaa Galma Mootummaa Ta’uu Qabdi: Muummicha Ministeeraa Israael


Muummichi ministeeraa Israael Benjamiin Natanyaahuu tarkaanfii Prezidaant Traampitti aansuu dhaan biyyoonni Awrooppaa irra jireessi ykn martinuu embaasilee isaanii gara Jerusaalemitti dabarsuu dhaan magaalattiin galma mootummaa Israael ta’uu isheef beekkannaa akka kannen nan abdadha jedhan.

Braasels keessatti hoogganaa imaammata alaa kan gamtaa Awrooppaa Federiikaa Moherinii waliin ta’uun Natanyaahuun akka jedhanitti Traamp Jerusaalemiif beekkannaa kennuun dhugaa jiru kan lafa kaa’e ennaa ta’u nageenyi dhugaa irratti kan hunda’au ta’uu isaaf ragaa dha jedhan.

Jerusaaleem magaalaa galma mootummaa Israael. Eenyu iyyuu kana hin haalu. Nageenyaaf danqaa hin ta’u. nageenya fida hundee nageenyaa ti jedhan Natanyaahuun.

Moheriniin gama isaaniin gamtaan Awrooppaa dhimma Jerusaalmeem ilaalchisuun walii galtee addunyaa faana bu’a malee sadarkaa amma irra jirutti ejjennoo prezidaantiin US Traamp torban darbe labsan faana bu’a miti jedhan.

Akka nuti amanutti furmaati dhugaan tokkichi kan walitti bu’iinsa Israa’elii fi Faalisxiin gidduu jiru kan hundaa’u biyyoonni lamaan Jerusaalem mgaalaa galma mootummaa Israa’elii fi kan Faalisxiin ta’uu irratti walii galuu ti jedhan Mogheriin.

Masrii fi Jordan akkasumas Israa’elii fi Faalisxiniin dabalatee michoota naanoo waliin rakkisaa fakkaatu illee adeemsa nageenyaa bakkatti deebisuuf ni hojjenna jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG