Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Raashiyaa Siiriyaa Daawwatan


Prezidaantiin Raashiyaa Vladmir Putin waraanni biyya isaanii Siiriyaa keessaa akka ba’u ajaja dabarsan.

Kana kan beeksisan ennaa utuu hin beeksisamin maadhee humna qilleensa Raashiyaa Hemeimeem kan konyaa Latakia keessaa daawwatanitti ture. Ennaa kanas prezidaantii Siiyaa Bashar al-Assad waliin wal arganii jiran.

Humnoonni Raashiyaa waraana Assaad deggeruuf jecha xumura bara 2015 walitti bu’iinsa Siiriyaa keessatti hirmaachuu eegalan.

Putin har’a ibsa kennaniin humnootiin Raashiyaa fi Siiriyaa garee shorokeessota sadarkaa addunyaa hamoo ta’an injifataniiru jechuu dhaan garee IS maqaa dha’anii jiran.

Sabaa himaan mootummaa Siiriyaa akka jedhetti Assad qooda Raashiyaan shorokeessummaa biyya isaanii keessatti qabaatteef Putiniin galateeffatanii milkaa’ina waraanni Raashiyaa argamsiise uummati Siiriyaa hin irraanfatu jedhan.

Raashiyaan maadhee qilleensaa Hemeimeem fi keellaa humna galaanaa Tartus keessatti kan dhiistu ta’uu beeksisste. Daawwannaan Putin Raashiyaatti geggeessan kan jalqabaa ennaa ta’u Kaairoottis qajeeluuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG