Xurree ittiin seenan

Breaking News

Moqaadishoo Mooraa Leenjii Poolisii Keessatti Boobiin Of-Wareeginsaa Dhoosamee Namoota 18 Galaafate


Mooraa leenjii poolisii guddicha magaalaa Moqdishoo keessatti har’a Boombii of wareeginsaa dhoosameen yoo xiqqaate poolisoonni 18 ajjeesamanii, kanneen biroon 15 madeessamuu aangawoonni Somaaliyaa beeksisanii jiran.

Mooraa leejii “Jeneraal Kaatiyyee Poolis Akkaadaamii” jedhamu keessatti, otuu poolisoonni hedduun shaakala hiriiraa irra jiranii, of wareegaan sun gidduu isaaniitti dhuka’aa of irraa dhoosuun balaa sana dhaqqabsiise – jedhama.

Eeggataan koomishinara Poolisii – Jenerlaal Muktaar Huseen Afraa akka jedhanitti, of wareegaan haleellaa geggeesse sun poolisii of fakkeessuun akka mooraa sanatti seenes himamee jira.

Haleellaa of-wareeginsaa har’a geggeessame kanaaf garee fiinxaaleyyii Islaamummaa – Al-shabaab itti-gaafatama fudhatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG