Xurree ittiin seenan

Breaking News

Saawudii Arabiyaan Misaa'ela Gareen Hutii Dhukaase Fashalsiisuu Beeksiste


Garee Yemen keessaa Iraaniin deggeramu – Hutii irraa misaahela har’a dhukaasame, kan masaraa Mootii Saawudii Arabiyaa magaalaa Riyaad keessa jirutti – ka Mooticha Salmaanitti xiyyeeffatee ture fashalsiisuu ishee Saawudiin beeksistee jirti.

Dhukaasa Misaahelaa sanaan namni madaa’e tokkollee akka hin jirre dubbatu – aangawoonni Saawudii.

Ka bara 2014 irraa jalqabee – magaalaa galma-mootummaa Yemen - Sana’aa dhuunfatee ture, gurmuu Hutiitiin, lafa ijoo ka biya Saawudiitti dhukaasamuun baatii lama keessatti kun ka lammataa ta’uu isaa ti.

Eega humnoonni Saawudii Misaahelicha dhawanii fashalsiisanii booda, dho’insaa fi aara guddaa arguu isaanii dubbatu – jiraattonni magaalaa Riyaad.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG