Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qonnaan Bultoonni Zimbaabwee Lafa Qonnaatti Deebi’uu Eegalan


Qonnaan bultoota zimbaabwee warra adii mootummaa dhiyeenya aangoo irra darbame kan Roobert Mugaabeen lafa isaanii irraa ar’aman keessaa ka jalqabaa lafa isaanitti deebi’anii jiran.

Robert Smart warnaanaan eegamanii lafa qonnaa isaaniitti Haraaree irraa fageenya km 200 irra jirutti kan deebi’an kaleessa ture.

Loltuun tokko ennaa qonnaan bulaan sun lafa isaanitti ennaa deebi’an eegaa ture. Smart garuu tajaajila akkasii hin barbaanne.

Smart fi maatiin isaanii ennaa deebi’an hojjettoota bakka qonnaa gammachuun imimmaan roobisaa ililleen simatan.

Mugabeen dachiin seeraan ala qabame kanaaf coloneefachuu dha jechuu dhaan qonnaan bultoota warra adii dachii isaanii irraa ari’an.

Qonnaan bultoonni warra adii loltoonni bobba’anii gaazii imimmaansu itti biifuu dhaan ennaa bulchiinsa Mugaabee lafa isaanii irraa ari’ataman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG