Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Wixinee Embasiin US Jerusaalemitti Darbuu Mormu Qopheesse


Gumiin walii galaa kan tokkummaa mootummootaa wixinee murtii US Jerusalemiin magaalaa galma mootummaa Isra’el akka ta’u murteessite mormu sagalee guutuun walii galee qopheessee jira.

Wixinen sun akka dhiyaatuf Faalisxiin kaleessa gumiin walii galaa wal ta’ii hatattamaan akka waamu kaleessa gaafattee jirti.

Wixinee sana dura tokkummaa mootummootaatti ambaasaadderittiin US Nikki Haley akeekkachiisa kennanii jiran.

Wixata darbe wixinee darbe irratti biyyoonni miseensota gola naga eegumsaa 14 yaada Ameerikaa mormuun sagalee kan kennan ta’us Ameerikaan garuu sagalee veto qabduun kuffisuun isee ni yaadatama.

Gumii walii galaa keessatti kan ta’aa jiru mirga keenya abbaa biyyummaa akka nuti hojiitti hin hiikneef haleellaa gumii walii galaa keessatti geggeessameef mallattoo dha jedhan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG