Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Laayibeeriyaa Kaleessaa Filannoo Prezidaantuummaaf Sagalee Kennanii Ba’ii Eeggataa Jiran


Lammiwwan Laayibeeriyaa, Kibxata kaleessaa, filannoo prezidaantuummaaf sagalee kennanii ba’ii isaa eeggataa jiran.

Xabataa kubbaa miillaa duraanii – Joorj Wihaa fi itti-aanaa prezidaanitii biyyattii – Jooseef Boo’aaKaayi tu prezidaantummaaf sagalee walitti-dhihaataa waan argataniif, marsaa lammataaf kaleessa wal-dorgome.

Ka biyyattii hoogganaa turan – Elen Johaanson Serliif, eegaf marsaa lama filatamanii tajaajilanii booda, akka heera biyyattiitti yeroo isaanii fixatanii, taayitaa gad-lakksiaa jiran.

Filannoon marsaa duraa, Onkoloolessa darbe ka geggeessae yoo tahu, uummatni kaleessa bahee sagalee kenne ka marssaa duraa sana irra xiqqaa tahuu tu himama.

Tahus garuu, buufataaleen filannoo kan Onkoloolessaa sana caalaa qindaawaa tahuu isaa fi rakkoon mul’ate akka hin jirre dubbatu – gabaasaaleen bahan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG