Xurree ittiin seenan

Keeniyaatti Baratoonni Harki Sagaltamni Qormaata Biyyoolessaa Sadarkaa Lammaffaa Kufuun Isaanii Qoratamuu Qaba Jedhame

  • VOA

Miseensonni mana-maree Keeniyaa, ka paartiilee mormituu irraa hagi tokko – Mootummaan Keeniyaa, maaliif akka barattoonni biyyattii dhibba irraa harka sagaltama tahan, qormaata biyyoolessaa sadarkaa lammaffaa ka bara 2017 akka kufan akka qoratu gaafataa jiran.

Ministarri barnootaa biyyattii garuu, ba’ii qormnaatichaatti kan quufan tahuu dubbatu.

Keeniyaa keessatti, qormaata biyyoolessaa, ka xumura sadarkaa lammaffaa barattoonni fudhatan kuma dhibba jaha yoo tahan, kanneen keessaa barattoonni qabxii Yunivarsiitii isaan galchuun dabran, dhibba irraa harka kudhan qofa.

Yoo sababaan kufaatii barattoota kanaa beekamee, rakkoon isaa furmaata hin arganne – dargaggoonni Keeniyaa Miliyoonaan lakkaawaman, barnoota sadarkaa ol’aanaa irraa ugguramuuf jiru – jedhu – miseensi mana-maree – Maark NyaamiitaNEWS a. Paarlaamaan biyyattii akka rakkoo kana beekuu qabu ka dubbatan immoo – miseensa mana-maree ka biraa – Kaaleeb Amisii ti.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG