Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni Deggersa Poolisiin Ala Masrii Haleellaa Kirstaanota Irratti Geggeessamuuf Ture Ittisan


Magaalaa galma mootummaa Masrii Cairo keessatti poolisii utuu hin taane namoota daandii irra turanii fi jiraattonni Kirstiyaanota irratti haleellaa shorokeessotaa silaa dhiiga hedduu dhangalaasisu ittisuu isaanii kanneen ijaan argan dubbatanii jiran.

Mana sagadaa suuqii lammii Kirstaana ta’e kan Cairo cina jiru irratti dhukaasa banameen namoonni sagal du’niiru.

Kanneen ijaan argan Associated Pressf akka ibsanitti utuu namoonni mana sagadaa Mary Mina jedhamuu fi holloota isaa turan gidduu hin seenne ta’ee silaa namoota hedduutu dhumu turan.

Namoonni mana sagadaa sana keessa turan cufaa balbalaa ka sibiilaa guddaa ta’e nama dhukasa bane sanatti cufuu dhaan akka ol hin seenne ugguran.

Luba Kaatolika Roomaa kan ta’an Pope Francis jamaa waltajjii St. Peter kan Rometti wal ga’eef haasaa dhageessisaniin firoottan haleellaa Cairo keessatti geggeessameen ajjeefamaniif gadda itti dhaga’ame ibsanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG