Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Shororkeessotaaf Dahata Taate Jechuun Paakistaaniin Qeeqan


Prezidaaniin US Doonaald Traamp irra deebi’uu dhaan biyya hollaa ishee bakka humnootiin Ameerikaa shorokeessotatti duulan Paakistan shororkeessotaaf dahata kennite jechuun qeeqan.

Ergaa twitter isaanii jalqabaa kan bara 2018n Traamp US gowwummaa dhaan Paakistaaniif gargaarsa doolaara biliyoona 33 ol waggoota 15n darban keessa kennite jedhan.

Isaanis nuyiif kan deebisan kijibaa fi deceit gowoomsaa malee homtuu hin jiru jedhan. Hoogganoota keenya akka gowwaatti yaaduu dhaan shororkeessota nuti Afgaanistaan keessaa deggersa xiqqoo gochuun adamsinuuf dahata ta’an jedhan.

Washington yeroo dheeraa dhaaf Islaamabaadiiin keessumaa waaltaalee naga eegumsaa ishee Taliban Afgaanistaan keessaa fi caasaa Haqqani kan daangaa irratti humnootii Afgaan fi US irratti haleellaa oofu deggera jechuun qeeqaa ture.

Traamp battala Paakistaaniif gargaarsa kennamu kutuu fi dhiisuun waanti beekame garuu hin jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG