Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaatti dhaamochii akka sibiila ala bulee nafa nama qabbaneessuu biyyatti baafatee namii ilkaan waliin dhahaa yaa’a


Dhaamochii haga dabree kuno namii akkana xaxatee yaa'a
Dhaamochii haga dabree kuno namii akkana xaxatee yaa'a

Dhaamocha kana Kanadaa haga Meksikootti namuu woma isaa dubbataa. Nama miliyoona 100 caalutti rakkoo tana himata.”Ka akkana baranaa takkaa agarreettu hin beennu,” jedhan.

Godina Amerikaa Teksasii haga Kaalofoorniyaatti dhaamochii kun waan lafaa nama hobbaase.

Amma Amerikaa Bahaatti akkana dhaamochuutti jira.Godinii 14n kun ka jara Garba Atlaantik jal qubata;Maine, New Hampshire, Massachusetts, Rhode Island, Connecticut, New York, New Jersey, Delaware, Maryland, Virginia, North Carolina, South Carolina, Georgia, and Florida.

Ammatii Amerikatti yoo dhaamochaa fi cabbii taatullee daahmochii kun amma fulaa hedduutti akka malee haga dabree haga torbaan kanaallee waan goomu hin fakkaatu jedha dhaabii Raaga Qilleensa Amerikaa.

Namuu miilaa haga mataatti wayaa yabbuu naqatee naqatee falachuutti jira.

Taatullee nama miliyoona hedduutti dhaamochaan ilkaan wal dhahaa yaaha jedha dhaabi Raaga Qilleensa Amerikaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG