Xurree ittiin seenan

Breaking News

Al Shabaab Keniyaa Keessatti polisoota Ajjesee


Polisoonni Keniyaa shan har’a kokolaataan ittiin adeemaa turan irratti gareen hidhattoota al shabaab haleellaa geesiseen ajjaefamuun beekamee jira.Angawoonni akka jedhanti polisoonni sadii fi qondaaltoonni gameeyyiin polisii lama ituu gara biyyatti gama kaabaa Mandheeraatti imalaa jiranii naannoo daangaa Somaaliyaatti haleellaan kun irratti gaggeeffame.

Somaaliyaa keessa kan maadheffate Al- Shabaab erga bara 20111 as keniyaa irratti haleellaa kan gaggeesse yoo ta’u kunis Keniyaan waraana ishee Somaaliyaatti erguun al shabaabiin Moqaadishoo keessaa ari’uuf tarkaanfii fudhatte sana haaloo ba’uuf ta’u beeksisee jira.

Al shabaab mootummaa Somaaliyaa kuffisuun mootummaa Islaamaa dhaabuuf yaalaa kan jiru ta’uun ibsamee jra.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG