Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayjeriyaa Keessatti Balaan of-wareegaa Dhaqqabee Jira


Of wareegaan tokko Naayjeriyaa kaabaa Kutaa Bornoo keessatti masjiida haleeluun yoo xiqqaate nama 10 ajjeseera.Namoonni ijaan argan akka jedhanti of-wareegaan kun har’a salaata suubii diursee masjiida kana seenuun balaa kana geesise.

Balaa kanaaf itti gaafatama kan fudhatee hin jiru.Garu akkaataa haleellaan kun itti gaggeeffame kan Boko Haraam fakkaata jedhamee jira.

Gareen kun waggootii darban saddeetiif looteeseentummaan dhiiga dhangalaasaa kan ture yoo ta’u Naayjeriyaa kaabaa keessatti mootummaa islaamaa dhaabuuf sochii godheen uummata kuma digdamaa galaafatee jira.

Gareen kun polisoota, uummata sivilii fi masjiidoota irratti qiyyaafata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG