Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koriyaan Kaabaa Marii Sadarkaa Ol aanaa Geggeessuuf kan Kooriyaan Kibbaa Gaafatte Simatte


Kibxta dhuftu mariin sadarkaa ol aanaa akka geggeessamuuf kan Kooriyaan kibbaa gaafatte Kooriyaan Kaabaa simattee jirti. Ministriin dhimma tokkummaa kan Koriyaa Kibbaa akka jedhetti Kooriyaan Kaabaa ergaa See’ool simachuu dhaan ganda daangaa irra jirtu irratti wal arguu dhaan wal ta’iin Olompikii fi dhimma michummaa walii galaa irratti mari’achuuf tole jette.

Dubbi himaan ministrichaa Baik Tae-hyun akka jedhanitti Kooriyaan lamaan quunnamtii daangaa irraa kana biyyi kam marii jiloota torban dhfuu eenyu akka hoogganu murteessuuf gargaara.

Mariin kaabaa fi kibba gidduutti geggeessamu kam iyyuu ariiroo odola kooriyaa akka fooyyessuutti ilaalama. Kunis sabatiinsa walii galaa kan naannoo Sanaa deggera jedhan.

Xiinxalaan kooriyaa Kaabaa fi Yuniversitii Seoulitti profeesora qorannaa Kooriyaa kaabaatti kan ta’an Yang Mu-jin har’a ibsa kennaniin injifannoon kun gareen lamaan dhimmootii nageenyaa irratti akka mri’ataniif carraa kenna, akka wal dhaggeeffataniifs daandii kan saaqe jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG