Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daarekterii FBI ka durii Raashiyaan filannoo US bara 2016 keessa seenuu fi dhibaachuu isii qoratu pirez.Tirampillee qorachuuf kurfoo jira


Congress FBI
Congress FBI

Rooberti Muyiler, daarektra FBI ka durii amma abbaan alangaa addaa USA dubbii bulchiinsa mootummaa Tiraampii fi Raashiyaa filannoo Amerikaa bara 2016 keessa seenuu fi dhibaachuu isii qorachuutti jiru.

Raashiyaan filannoo Amerikaa keessa seenuun akka Hilarii Kilinton filannoo irratti moohamtu tolchuuf jedhan.

Bulchiinsii Tiraampi ka ammaa gaafa duula filannoo sun Raashiyaa waliin hojjate dhugaa dhossee moo hin dhossine qorachuutti jiran.

Namii hujii tanatti jiru,Rooberti Muuler haga ammaatti bulchiinsa Tiraamii fi warra duula filannoo irratti isa waliin jiru nama afur qorate. Jara kana keessaa tokko manaajera duula filannoo Tiraampi ka durii Paul Manafor,gorsaa nagaa biyyoolessa Amerikaa ka durii Michacel Flynn fa.

Daarekterii FBI ka durii kun, mootummaan Tiraampi kun daarektera FBI,James Comey dhugaa dhossuuf gussee moo waan dhibiif jedhanii qorachuutti jiran.

Abbaan alangaa addaa bulchiinsa mootummaa Amerikaa,Ty Cobb ammoo qorannoo amma jedhan irrati yaada hin kennine. Gareen Tiraampi faatii waan Tiraampi gaafatan kanaaf garee isa seeraan gargaartu waliin dubbatan.

Pirezidaantiin Amerikaa Doonaldi Tiraampi ammoo isaa fi jarii isaalleen waan seera malee waan hojjate hin qabu jedhee mormachaa bahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG