Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Duula Miidiyaa Hawaasummaa Geggeessuuf Jecha Waaltaa Haaraa Bante


Somaaliyaan waaltaa digitaalii kan biyyattii leellistummaa hookkaraan guute fi biyyattii kurna tokkoo oliif tasgabbii dhowwe irraa ittisuu uumuu ishee labsitee jirti.

Waaltaa haaraan kun duula meediyaa hawaasummaa bu’a qabeessa ta’e fi ergaa qalbii dargaggoota Somaaliyaa hawwatuu fi al-Shababitti makamuu irraa akka fagaatann godhu of keessaa qaba jedha ta’uu ibsi ministrii odeeffannoo Somaliyaa biraa ba’e.

Sirna baniinsa waaltaa kanaa irratti ministeerri odeeffannoo Abdirahman Omar Osman akka jedhanitti waaltaan kun kan fuuleffate gocha gara jabina al-shabaab saaxiluu dhaan deggersa uummata biraa inni qabu dadhabsiisuu dha.

Karoorri waaltaa kanaa duula uummata dammaqsuu, nagaa fi nageenya babal’isuu, bulchiinsa gaarii, barnoota, sagantaa hojii irra ooliinsaaf oolu kan shororkeessota fi hokkaraa fi badii isaan oofan uummata barsiisuu dha jedhan Osman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG