Xurree ittiin seenan

Manni Murtii Ameerikaa Murtii Traamp Koolu Galtoota Ilaalchisee Qaban Uggure

  • VOA

Abbaan murtii federaalaa US prezidaant Doonaald Traamp sagantaa koolu galtoota kuma dhibba hedduun laka’amanii fi ennaa ijoollummaa isaanii seeraan ala as dhufaniif akka Ameerikaa keessaa hin baasamne ittisa godhu hambisuuf murtii irra ga’an Ugguruu isaatti White House Mufatee jira.

Dubbi himtuu White House Sarah Sanders akka jedhanitti dhimmi guddaan kun adeemsa seeraa hordofee hojii irra ooluu qaba jedhan.

Saran itti aansuu dhaan Traamp qajeelfama seeraa hojiitti hiikuuf akkasumas tarkaanfii faallaa heeraa ta’e sirreessuuf illee miseensota paartilee lamaanii waliin walii galtee irra ga’uuf cichaan hojjetu jedhan.

Sagantaan koolu galtoota ijoollee ta’an kuma 800 ta’an akka biyya ofiitti hin deebine ittisu kun ennaa bulchiinsa prezidaantii duraanii Baaraak obaamaa dhaan hojii irra oole.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG