Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaan Aangootti Fidee Kaan Aangoo Irraa Kaase: Bulchiisa Naannoo Tigraay


Manni maree mootummaa naannoo Tigraay wal ga’ii ariifachiisaa 3ffa geggeessee jira.

Dura ta’aan Adda bilisummaa uummata Tigray/TPLF Dr. Debresioon G/Mikaa’el itti aanaa bulchaa naannoo ta’anii akka hojjetan muudamaniiru.

Manni maree mootummaan naannoo Tigraay Amajjii 2 bara 2010 akka lakkoobsa itiyoophiyaatti wal ga’ii arriifachiisaa waameen miseensota koree hoji raawwachiiftuu fi bulchaa zoonichaa aangoo irraa kaase.

Aangoo irraa kaafamuun kun sababaan isaa koreen giddu galeessa Adda bilisummaa uummata Tigraay guyyoota 35f gamaaggama erga geggeessee booda.

Akkuma kanaan koree gidduuf miseensa kan ta’anii qabee hanga waajjiraalee ka biroo keessatti namoota itti gaafatama irra jiranitti aangoo irraa kaasuu fi ka biroo bakka buusuun geggeessamee jira.

Hojiin aangoo irraa kaasuu kun kan fudhatame koreen gidduu Adda bilisummaa uummata Tigraay kan geggeesseen yoo ta’u gamaaggammni sun itti fufaa ennaa adeemu ba’ii isaa irraa ka’uu dhaan hojiin sirreessuu kan itti fufee geggeessamu ta’uu Dr.Debretsion G/Mikaa’el ibsaniiru jedha Alem Fisehaa Meqelee irraa.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG