Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbileen teknooloojii addunyaa Las Vegas keessatti roobootii hojjatan wal garsiifachuf yaa’anii namii amma roobotii waahelfachuuf deema


pirezidaantii Murata Manufacturing Co Ltd, Tsuneo Muratati biskileettii dhaabii isaa hojjate "Murata Seisaku-kun" jedhan agarsiifachutti jira.Japan bara 2013
pirezidaantii Murata Manufacturing Co Ltd, Tsuneo Muratati biskileettii dhaabii isaa hojjate "Murata Seisaku-kun" jedhan agarsiifachutti jira.Japan bara 2013

Laakkuma barii jijjiiramaa deemuun qaroomii baraalleen waan haaraan gadi dhufa.Waan haaraa kana keessaa tokko Roobooti.Roobootiin durii midhaadduu jechuu irraa amma qaroo jechaa maqaa itti baasaa dhufuutti jiran.

Torbaan kanallee agarsiisaa roobootii addunyaa tokkotti godina Nevaadaa, magaalaa Las Vegaasitti keessatti jalqabuuf deeman.

Roobootiin baranaa akkuma namaa namaan haasahaa wa hojjachaa namaa waahela tahuutti jirti.

Namii amma saree fi qaxurree fa dhiisee roobootii waliin ooluuf fa deema. Roobootiin waahela namaa taatu tun hagii tokko $1,500n bitatan.

Roobootin hagii tokko nama waliin teenisii dirree taphatti, hagii tokko ammoo ila lilibsatti,afaan mumunyuufattee waan akka akkaa hojjatti.

Hagii tokko hin hamoommattii,hagii to afaan namii hin beenne dubbatti.Bara kana roobootii akkanaa arginee hin beennuu jedha Rodolphne Hasselvander itti gaafatamaan dhaaba Roobtii Blue Forg Robotics.

Woma taateefuu barana Roobootii hedduutti Las Vegaasitti gadi yaahuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG