Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shampiyoonaa Kubbaa Miilaa Afrikaa, Morookootti itti jiranii kilabin Manchester Yunaaytid ammoo Aleksi Sanchez bitachuuf jala maruutti jirti


Morocco Soccer CHAN Total 2018
Morocco Soccer CHAN Total 2018

CHAN,maqaa dorgommii kubbaa miilaa ‘Shaampiyoonaa Afrikaa Cufaa.’Tapha kana biyya Afrikaa 16 taphachuutti jiraa Ammajii 13 haga Gurrandhalaa 4,2018 taphatanii haga ammaa goolii 15 gale.

Morookoon Marutaaniyaa 4-0,Zaambiyan Ugaandaa 3-1, Naamibiyaan Ayvori Kosti 1-0,Suudan Giinii 2-1 moote.

Hardha Liibiyaa fi Ekuwaatooriyaal Giinii, Naayjeeriyaa fi Riwaandaatti wal qoraasa.Bori Angoolaa,Burkiinaa Faasoo, Kaameruunii fi Koongootti dirreetti walii yaa'a.

Oduu Awurooppaa keessaa ammoo Waldaan kubbaa miilaa Farasaaay taphachiisaa kubbaa miilaa dorgommii St. Paris Germany taphachiisuutti jiru seera tapha balleessee jedhee tapha keessaa baase.

Tapachiisaan Tony Charpon taphtaan kubbaa miilaa Diago Carlso innii itti gufatee jigee jennaan fuluma ciisutti miila jala dhaabee eegee ammoo kaardiin diimtuun tapha keessaa baasee seera yakke.Isallee adabanii tapha irraa dhaaban.

La Liga

Dorgommii La Liigaa kilaboota kubbaa miilaa Ispaanishti.Tapha baranaa eegii jalqabanii amma tapha 19esso irra jiran.Barseloonaatti qabxii 51n dura jia.

Goolii lamaan Luis Suarez kalee galcheefitti Barca quphi tolchee sadarkaa tokkeesso irra buuse.

Akkuma kanaan Baarkan Real Socieda 4-2 moohatttu tolche.Real Sociedad qara 2-0 Baarkaa dura jirti.Baarkaan eegee dhuftee goolii afur galfatte. Baarkaan guyyaa 4n duralleetti Celt Vigo 5-0 gangalfatte.

Gama kaaniin ammoo Manchester United taphataa Arsenala Alexis Sanchez waan innii fedhe guutteefii paawondii miiyoona 35 baafteefii bitachuuf jala maruutti jirti. jirti.

Alexis Sanchez(gama mirgaa)
Alexis Sanchez(gama mirgaa)

Saanchez dhalootaan Chiilee nama ganna 29ti. Lakkoofsa 7 keeyyatee dura taphata

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG