Xurree ittiin seenan

Breaking News

Demokiraasiin addunyaa ganna 12 asitti gaduma deemti Afrikaa ammoo biyya hedduutti gama kanaan akka hamaa jira jedha gabaasii Freedom House


Freedom House Global
Freedom House Global

Ta Amerikaallee dabalee demokiraasiin addunyaa bara hedduu asitti gaduma deemti ta Afrikaa ammoo suniiyyuu oli
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:42 0:00

Freedom House,dhaaba mootummaa hin tahin ka mootummaan Amerikaa horiin gargaaru.Gannuma gannaan demokiraasii biyya biyyaa qoratee gabaasa baasa.

Ganna 12 asitti demokiraasiin addunyaa yararachaa gadi deemti jedhee gabaasa baase.

Chaaynaa,Raashiyaa fi Kooriyaan Kaabaa biyya hardhallee balaa addunyaati jedhanii sodaatan taatullee ardiin akka Latin America faatii akka Freedom House jedhetti ardii guddinnii Demokiraasii miila itti gadi dhaabahcaa deemumatti jiru.

Waan addunyaatti dhiba tahe keessaa akka gabaasa Freedmom Hosuetti mirga namaatii fi waan namii argachuu male heddu.

Arch Puddington hayyoota Freedom House keessaa tokko."Ganna 12 asitti mirgii namaa addunyaa keesastti adoo gargar hin citin gaduma deema.Akka kanaan bara 2017 keessa biyya hedduutti rakkoo akkanaa keessa jira.”

Amerikaa demokiraasiin isii addunyaafuu fkn taati jedhanii herregataniiyyuu filannoon pirezidantummaa isii bara 2016 ta Raashiyaan itti seenee borcite jedhanii qorachuutti jiraniiyyuu biyya dhiba kanaan himatan.

Raashiyaan tun biyya Awurooppaa hedduu keessatti dhibuma akkanaatiin himatan.

Biyya akka Chaayinaa fa ammoo mootummaan XI Ping waan namii hojjatu cufaa keessuma seenee oolmaa fi bultii nama dhowwaan himatan.

Musliimaa Rodhinga ka biyya Maaynamaar godina Rodhingaa keessaa Baangilaadishitti baqa yaahu jireenna namaa bade qofaa mitii akka USA jettutti sanyii nama balleessuu.

Freemdom House biyya hedduu qoratee biyyiti 49 ganna 12 dabranii asitti biyya gama siyaasaatiin akka hamaa jirtu ta gama siyaasaatiin nagaa hin qmane jedhee baase. Biyyoota sunitti namii waan fedhe dubbachuu hin dandahau.

Freedom House biyyoota tanaa qabxii 1-100 kenneef.Afurtamii sagallan tun 100 keessaa 10 gadi argatan.Tattana keessaa ta akka hamaa jitu Siiraa,Suudan Kibbaa, Eertiraa, Kooriyaa Kaaba, Turkemisntan,Equatorila Giinii,Sawudi Arebiyaa, Somaaliyaa Uzbekistaan,Suudan,CAR, Liibyaa.

Eegii Pirezidaantiin Zimbaabuwee Rooberti Mugaabee hujii irraa buusaniin duubatti biyyiti sun bultii horatti jedhanii herregan jedha Puddington.

"Eegii Mugaabee buusaniin duubatti mootummaan haarahii waan waadaa galeef hinuma guutaa jedhanii eegan.”

Ardii akka South America fi Central America keessaa biyya akka Meksisoo fa ka namii bahee bulchaa fedhe filatuu abdiitti duraa mullata.

“Warra dorgomu keessaa tokko nama hedduutti isa jaalate yoo akkuma jaalatanii maachan kanaan bahanii filatan Meksikoon gara jijjiirama waan deemtu fakkaatti.”

Iraaqwii fi Afgaanistaan waraana keessa jiraatanillee akka Freedom House jedhutti biyyitii lachuu filannoo itti deemtu tanaan nama gumiin jaalattu ka itti gaafatamummaa waranaa keessa hin jirre filatti jedhee abdata.

Biyyootii ollaa isii Chaayinaatii fi Kooriyaa Kaabaa ittti gaandiddeessitullee siyaasaa Kooriyaa Kibbatii fi ka Taaywaan wayyaahaa deemuutti jira.

"Wannii mootummaan karaa demokiratawaan filate achi jiruufuu fkn waan siyaasaan isii wayyaa qabu jiruuf tuninuu milkii tokko jedha dhaabi kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG