Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afaan hamoon pirz.Tiraampi nama Afrikaatiin jedhe jedhan Afrikaatti ambaasaadderoota Amerikaa ka durii guddoo garaa hammeesse


Pirezidaanti Tiraampitti White House keessatti Rooytersiin wal haasahuutit jria.Ammaji 17,2018.
Pirezidaanti Tiraampitti White House keessatti Rooytersiin wal haasahuutit jria.Ammaji 17,2018.

Afrikaatti ambaasaadderotii Amerikaa ka durii 48 bulchiinsa mootummaa Amerikaa White House-tti xalyaa barreessaniif nama Afrikaa maqaa hamaan yaamuun waan akka malee nama yaaddessaati jedhan.

Xalayaan tun akkana jetti “akka ambaasaadderoota Afikaa biyya 48 keessa hojjanneetti wannii ati(Piree.Tiraampi) dhiyoo tana nama Afrikaatiin jette waan nu(USA) biyya Afrikaa 54 waliin qabaanne qancarsaat.”

Akka nama ambaasaadderoota Amerikaatti Afrikaan ardii waan hedduun faarsan;aadaa dansaa,balchaa fi naasoo.


Xalayaan tun Afrikaa keesaa artistoota, qabsaahota mirga namaa,ogeeyyota fi nama waan hedduun faarsan qabdi.

Ardii akkanaa tanaan waliin hariyummaa jabeeffacuun ammoo waan bu’aa qabaati akka ambaasaaddertotii tun jedhanitti.

“Akka herrega keennatti ati(Trump) hereega Afrikaa qabdu qajeelfattee ardi tana qalbii dansaan laaluu qofaa mitii bu’aa Amerikaan achii argattullee hubattaaf jennee herreganna.”

Afaan hamoon pirezidaantiin Amerikaa Donaldi Tiraampi nama ardii Afrikaa, Heyitii fi El Savadooriin jedhe jedhe ka innii mormate nama hedduu dallansiise.

Gama kaaniin akka dhaabii qorannoo Gallup jedhetti eegi pirezidaanti Amerikaa bulchuu jalqabee asitti namii Amerikaa akka durii kaan hin jaalatu jaalaltuu tun harka 18 gadi buute.

Sabqunnamtiin addunyaalleen Amerikaa akka durii kaan waan dansaan hin himani jedha Gall up.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG