Xurree ittiin seenan

Breaking News

Senetiin Amerikaa haga edanaatti baasii bajata bara 2018 irratti walii galuu baannaan mootummaan horii hujiin hojjatuu dhabee cufama


Ogessa seeraa White House Marc Short fi daarektera bajeta White House Mick Mulvaney faatti waajjira mootummaa Amerikaa keessatti gaazexeessitootaan wal mari'ata.Washington,DC U.S. Ammajii. 19, 2018.
Ogessa seeraa White House Marc Short fi daarektera bajeta White House Mick Mulvaney faatti waajjira mootummaa Amerikaa keessatti gaazexeessitootaan wal mari'ata.Washington,DC U.S. Ammajii. 19, 2018.

Kongireesiin Amerikaa yoo hedduu akka bajata mootummaa itti fayyadaman irratti akka malee wal falama.

Edallee paartii Rippaabilikaanii fi Demokiraati mataa wal nyaachaa bulanii wal dhabanii gargar galan.

Mootummaan Amerikaa bajata irratti walii galuu baannaan akka oduu gara garaa argannetti guyyaatti doolara biliyoona 1 fi miliyoona 500 kasaara.

Paartiin mootummaa Amerikaa bulchitu lachuu akka bajatii itti bahuu male irratti karoora ufi qaban.Bajatii Senetiin Amerikaa amma irratti wal falmuutti jiru kun ka bara 2018ti.Doolara Tiriliyoona 4 fi biliyoona dhibba tokkooti.

Bajata tana Pirezidaanti Tiraampitti Bitootessa 16,2017 keessaa akkuma filatameen bajata 2018 jedhee kongireesii Amerikaatti dhiyeeffate.Kana fudhachuu fi fudhachuu dhabuu irratti wal falmuutti jiran.Barii bajata mootummaa Amerikaa 2017 edana dhumata.

Manii marii Amerikaa haga guddaan paartii Rippaabilikaan harka jiru kalee galgala bajata tana irratti walii galee dabarse.

Amma ammoo Senetiin irratti walii galuuf paartiin Demokiraatilleen eeyee jechuu malte.

Senetiin ammallee walii hin galle.Amma fala lama qaban.Ykn bajata haga ji’a tokkoo qofa mootummaan ittiin hojjatu eeyyamanii hagasitti mari’achuu tahuu baannaan biirolee mootummaa haga tokko irraa horii qabanii hojjachaa mari’achuu.

Paartiin lachuu akka horii kana ittiin hojjachuu malan irratti karoora ufii qaban. Waan horiin itti hin bahu jedhan keessaa tokko sagantaa DACA.Sagantaa ijoollee diqqeennaan maatii waliin Amerikaa dhufanii Amerikaatti guddataniiti.

Warra seera malee Amerikaa dhufe jedhan miliyona hedduu keessaa tokko jarii sagantaa Deferred Action for Childhood Arrivals (DACA) jala nama kuma 800 tahutti jira.

Tiraampi ijoollee fi maatii isaanii asii achi sagantaa DACA jalatti hin gargaarru jedha.Jarii kun hagii guddaan biyya olloota Amerikaatii malee nama biyya hedduutti keessa jira.Demokiraati ammoo akkuma baqataa dhibii jarii kunilleen gargaarsa argachumalee jedha.

Waan dhibii falamaa tahe keessaa tokko wabii fayyaa ijoolleeti.Mootummaan Amerikaa bara 2013 keessallee akkanuma bajata irratti walii galuu didee dadhabee guyyaa 16 mootummaan cufame hojjatootallee irraa mindaan guyyaa 16f ture.

Gaafa mootummaan cufame sunitti dhaabii qorannoo Amerikaa horiin hojjatun dhaba,paarkiin biyyoolessaa hin cufamte gibirii mootummaan namaa deebisu hin tura,horiin abbootiin waraana Amerikaa mootummaan irraa eegatan dafee hin dhufuuf waan hedduu.

Mootummaan Amerikaa bara 1976 asitti marroo 18 cufame ta amma eegatan tun taanaan 19 taate jechuu.Woma taateefuu edana woma tahetti taha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG