Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haasaa Hamtuu Traamp Dubbatan Nu Aarse: Ambaadaadderoota Afriikaa


Tokkummaa mootummootaatti kan argaman ambaasaadderoonni Afriikaa tokkummaa mootummootaatti ambaasaaddera Ameerikaa waliin wal arguu dhaan prezidaantiin US Doonaald Traamp biyyootii Afriikaa ilaalchisee arraba hamaa isaan dubbatan ilaalchisee mari’ataa jiran.

Tokkummaa mootummootaatti ambaasaaddorri Equartorial Guinea Antolio Ndong Mba fi hoogganaan garee biyyoota Afriikaa 54 akka jedhanitti Nikki Haley yaada Traamp kennan daafoo hamaa inni dhaqqabsiisetti gaddaniiru jedhan.

Torban darbe gareen Afriikaa ibsa baaseen akka jedhetti dubbiin Traamp dubbatan kan nama aarsu, ka loogii sanyii fi sanyii ka biraa jibbuu ti. Gareen kun Traamp dhiifama akka gaafatan barbaada.

Diplomaatonni hedduun kanneen wal ga’ii Tokkummaa Mootummootaa irratti hirmaatan akka jedhanitti ambaasaadderittii Ameerikaa Haley waliin ennaa mari’atan Traamp gumii hoogganoota Afriikaa Amajjii 28 fi 29 Finfinnee keessatti geggeessamuuf ergaa akka ergan itti himaniiru.

Ndong Mba akka jedhanitti mariin Haley waliin geggeessame kan michummaaf ifaa fi dhugaa of keessaa qabu ture.

Traampii fi namoonni siyaasaa hedduun kanneen wal ga’ii White House bakka Traamp haasaa hamtuu dubbatan sana dubbatan jedhanitti argaman dubbachuu isaanii haalanii jidran.

Gama biraan Afriikaatti ambaasaadderoonni US duraanii 78 prezidaantichi waa’ee biyyoota Afriikaa jecha hamtuu isaan dubbatan kan isaan yaaddesse xalayaa ibsu White Housitti erganii jiru.

Ambaasaadderoonni Afriikaa kanneen Wahington keessatti argaman jimaata har’aa wal ga’uu dhaan attamiin jecha Traamp sanaaf deebii akka kennan mari’atuuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG