Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollonni Somaaliyaa Harka Al Shabaab Keessaa Miliqfaman


Somaaliyaa keessatti United States-n kan deggeraman humnootiin biyyattii garee al-shabaabiin iggitamanii kan turan ijoollee 32 gad dhiisisanii jiran.

Ministriin odeeffannoo Somaaliyaa Abdurahaman Omar Osman har’a ibsa kennaniin humnootiin mootummaa ijoollee kana kan gad dhiisiisan kutaa Shebelee gara gadii keessatti mana barnootaa argamu keessaa ti.

Al shabaab ijoollee iggite kana falaasama isaa barsiisaa ture. Amma garuu harka mootummaa keessa waan jiraniif haala gaarii irra jiru jechuu dhaan minsitrichi VOAf ibsaniiru.

Waraana somaaliyaa biraa garuu yaadi kenname hin jiru. Humnootiin mootummaa tarkaanfii fudhataniin helikoopteraan gargaaramuu fi US-s keessatti hirmaachuun tuqameera.

Humni waraanaa US loltoonni Somaaliyaa shabaabitti akka duulanii fi biyyattii haleellaa irraa akka eegan leenjii kennaafii kan jiran ta’uun beekameera.

Marsariitiin deggeraa al shabaab tokko gama isaan loltoonni Somaaliyaa fi Ameerikaa ijoollee barattootaa fi barsiistota isaanii fixan jechuun yakke.

Maqaa isaa akka hin tuqamne kan gaafate jiraataan naannoo Sanaa tokko akka jedhetti haleellaa sanaan yoo xiqqaate namoota kuhdantu ajjeefaman.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG