Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taphataan kubbaa miilaa Laaybeeriyaa beekamaan durii,Joorji Wihaa biyya isaa dhugaan bulchuuf hardha kakatee hujii dabre


Le président-élu Geroge Weah prête serment lors de la cérémonie d'investiture, à Monrovia, le 22 janvier 2018.
Le président-élu Geroge Weah prête serment lors de la cérémonie d'investiture, à Monrovia, le 22 janvier 2018.

Laayberiyaa hardha pirezidaantiin haaraatti bulcha.Joorji Wihaa,ahaa tapahtaa kubbaa miilaa biyya sunii beekama.

Hardha teessoo mootummaa biyya isaa,Monorooviyaa keessatti kakatee hujiitti dabre.Jila isaa guddoo tanatti pirezidaantii Gaabon,Gaanaa,Seraaliyoonii fi bulchoota Afrikaa hedduutti dhufeef.

Taphattootii kubbaa miilaa bebeekamoollee warra dhufe keessaa tokko.


"Bara kiyya hedduu Istadiyoomu keessatti dabarse amma ammoo akkuma nama cufaa jiraa jedhe Weahn.Nama hujii tana irraa fuudhe, pirezidaantii Laaybeeriyaa ta durii, Ellen Johnson Sir leaf faatti fulaa hardha irra dhaabannee dubbannu tana nuu kopheesse,”jedhe Wihaan.

Wihaan itti aanaa pirezidaantii Laayberiyaa Joosefii Bohaakii marroo lama itti aanee biyya buclha bahe moo’e.

Wannii ani qaraa fiixee hojjannu hori ummataa malaa fi malteen nyaatanii balleessaan badi dhowwaa jedha Weahan.

Tana maleellee ijoollee kahimaa hujiif leenjisuu,investimentii jabeessuu,demikiraasii biyyaa guddisuu fa.

Biyyitii tun anna 70 keessatti gannuma kana ka duriillee caala nagaan gadii walii dabarsite.

Joorji Wihaa addunyaa irratti dorgommii kubbaa miilaatiinb eekan.Ganna 14 keessatti kilabii Faransaay,Xaliyaanaa,Ingilaandii faa taphatee badhaasa hedduu guurrate.

Tapha dhaabuu gahee jennaan EPL keessaa kilabii Chelsii fi Manchester Sitii taphate waan FA moo’e. Biyya isaatii ganna 14 taphatee Waancaa Afrikaa irratti marroo lama taphatee.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG