Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan afaan hamoo Tiraampi nama isaaniitin jedhetti guddoo dallante pirez. Ugaandaa Musiveeniin ammoo Tiraampi nama dhugaa dubbatu jedha


Kuusaa suuraalee-Pirezidaantii Ugaandaa Yoweri Museveni magaalaa Kampaalaa keessatti.Gurrandhalaa 18, 2011.
Kuusaa suuraalee-Pirezidaantii Ugaandaa Yoweri Museveni magaalaa Kampaalaa keessatti.Gurrandhalaa 18, 2011.

Afaan hamoon pirezidaantiin Amerikaa Doonald Tiraampi nama Afrikaa,Heyitii fi Elsavadooriin jedhee arrabse bulchoota Afrikaa qofaa mitii nama ardii suniitii hedduu dallansiisee laaleffachiise.

Pirezidaantiin Ugaandaa, Yuweeri Musiveenii ammoo Tiraampi dhugaa dubbatee tanaaf isa jaaladhaa jedha.Amerikaan amma pirezidaantii jabaa argatteeyyuu jedha.

Paarlaamaan Afrikaa Bahaa Musiveeniin Tiraampi jechuutti hin koblan. Pirezidaanti Tiraampi adoo bulchoota Amerikaa haga tokkoon waan nama Amerikaatti baqatuu dubbatuu namii biyyoota baktii sun keesaa maaniif nutti yaa’a jedhee nama miliyoona hedduu arrabse jedhan.

Naayjeeriyaa fi Afrikaan Kibbaa jecha Tiraampi kanatti dallananii ambaasaaddera Amerikaa biyya isaanii jiran yaamanii waan Tiriaampi tana jedheef gaafatan. Pirezidaantii Ugaandaa Musiveenin ammoo Tiraampi faarsa.

"Tiraampi pirezidaantota Amerikaa akka malee jajjaboo keessaa tokko.Ani Tiraampi hin jaaladha.Maan jennaan dhugaa baasee Afrikaatti hima.Waan innii jedhe akka irraa gorsanii jedhanii dhibaatanii fi dhibaachuu isii beekuu baadhullee wannii innii jedhu dhugaa tanaaf jaaladha.”


Musiveenii qofaanitii namii Ugaandaa keessaa Tiraampi jaalatu. Gaazexeessaan raadiyoo Ugaandaa beekamaan James Onen ka afaan hamoon innii dubbatu nama wal dhabsiisa jedhaniin, namii Afrikaan hedduunuu biyyitii isaanii akkuma Triaamp jedhe sun jirti jedhee jedha.

Afrikaan tanumaaf jabaa fi qaroo isii hedduun keessaa baqata jedha.Wannii Tiraampi jedhe kun dubbii dhibii ufi keessaa qabdi wannii Afrikaa, ardii hamtuu tana keessaa namii baqatuuf balleessaa warra isii bulchuutii itiin dhufee miti re jedhee gaafata Jemis.

"Inninuu(Musiveeniinuu) nama dhaba akkanaa kanaan deemu.Hujii isaatiin beekan. Taatullee Musiveenii dubbii tana mala nama guddaatiin jedhee qalqbii Tiraampi keessaa ufi kaahe.Jechuma kanaafuu waan dansaatti bahuu hin oolu.”


Susan Nakawuki bakka buutuu paarlaamaa Afrikaa Afrikaa gama Bahaati.Waan Musiveeniin jedhe kana ya jaalate taatullee Afrikaa faaydaa ykn ammoo milkii akka biyyitii gama Dhihaa qabu hin qabdu.

"Nama alaatiin koottaa nu falaa jechuu hin malle.Babbaddaa ufiitiin nutti dhufan. Investiemntii nu kennaa jedhani wa gaafatan.Eeyee Afrikaan keessaa qaroon miyyuu.Yoo tokko tokko ammoo faaydaa biyyitii guddatte argattu hin qamnu.”


Musiveeniin Tiriaampi faarsullee afi yaahiin parlaamaan Ugaandaa Rebeka Kadaga dubibi Tiraampi sun akkanumatti bira hin dabarre.

Kalee Ugaandaatti ambaasaaddera Amerikaa, Deborah Malacan wannii Tiraampi jedhe sun(afaan hamoon innii Afrikaan jedhe) dubbi hamtuu akka malee nama dallansiiftu jetteen.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG