Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fialannoo Bara 2016 fi Raashiyaa Ilaalchisee Traampiif Gaaffiin Dhiyaachuuf Jira


Abbaan alangaa addaa Robert Mueller waggaa darbe daayrektora FBI James Come fi kan yeroo tokko gorsaa naga eegumsa biyyoolessaa turan Michael Flynn hojii irraa ari’achuu isaanii ilaalchisee qorannaa yakkaa kan Raashiyaan filannoo US kan bara 2016 jidduu seenuu isee ilaalchisee prezidaant Doonaald Traamp waliin gaaffii fi deebii geggeessuuf jiru.

Mueller Traamp murtii haqaa jal’isan yoo ta’e qorataa jiran. Directorri FBI duraanii Comeyn, Traamp jalqaba bara 2017 Flynn, ambasaddora Raashiyaa duraanii waliin hariiroo qabaachuu isaanii ilaalchisee qorannaa geggeessan akka dhaaban gaafachuu isaanii dubbatanii turan. sana booda Traamp Comey kan yeroo sana qorannaa Raashiyaa FBIn geggeessaa ture hoogganan hojii irraa ari’an.

Gabaasaaleen US akka jedhanitti kan irra deddeebi’uun duulli filannoo isaanii Raashiyaa waliin hidhata qabaachuu haalaa turan gaaffii fi deebii kanaaf tole jechuun isaanii hin beekamu. Yoo ta’es akkamitti akka geggeessamu gaaffii barreeffamaan dhiyaatu, ykn kallattiin gaaffii fi deebii geggeessu ta’ee hin beekamin jira.

Baatii tokko dura Traamp qorattoota garee Muller waliin wal arganii deebii kennuuf dhibbaa dhibba waliin gala kan jedhan yoo ta’u, dhiyeenya immoo jiddu seeninsi Raashiyaa hin jiru taanaan gaaffii maalii barbaachisa jedhan.

Muller abukaatoo Traampiif gaaffii dhiyeessaniin qiyyaafati isaanii amma dhimma haqi jal’achuu irra ta’uu itti himuu dhaan waa’ee Flynn itti aanaa prezidaantii Mike pencetti ennaa dubbatan Ambasaaddora Raashiyaa Sergey Kislyak waliin wal hin argine jechuuf comeyn qorannaa Flynn irratti geggeessamu dhaabuuf booda irras Comey hojii irraa ari’amuu akka gaafatan itti himanii jiran.

Traamp dhimmootii kana haaluu dhaan oduu kijibaa ti jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG