Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shororkeessonni Hojjettoota garee Gargaarsaa Afgaanistaan keessaa Haleellan


Namoonni qawwee hidhatan Afgaanistaan gama bahaa magaalaa Jalalabaad keessatti kan argamu waajjira dhaaba gargaarsa Save the Children jedhu weeraruu dhaan yoo xiaate namoota sadii ajjeesanii kanneen 20 ol ta’an madeessanii jiran.

Dubbi himaan mootummaa naannoo Nanga-rahaar Attullah Koogyaanii akka jedhanitti gareen namoota hidhannoo qabanii erga of wareegaan tokko karra dhaaba gargaarsaa sana fuulleetti boombii ofitti dhoosee booda dallaa sana weeraran.

Humnootiin nagaa eegissanis haleellaan sun utuu hin hin dhaabatin dura yeroo dheeraaf kanneen haleellaa sana raawwatan waliin walitti dhukaasan.

Haleellaa sanaaf garee IStu itti gaafatama fudhate.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG