Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masriin Baatii Bitootessaatti Keessa Fiallnnoo Geggeeffachuf Jirti


Lammiwwan Masrii, Amajjii bara 2011 jijjiirama biyyattii keessatti fiduuf socho’anii, gaaffiin isaanii deebii argate. Waggoota toorbaa booda, haalli amma mul’atu sadarkaa biraatti akka tarkaafatan taasise. Akka xiinxaltoonni siyaasaa jedhanitti, haalawwan biyyattii tokko tokko jijjiirama wayyaawaa argamsiisanii jiran. Kan magaalaa Kaayiroo jiru – Amerikaan Yunivarsitii irraa – Saayid Saadiq akkanatti ibsan.

“Prezidaantii fi aangawoota irratti qeeqawwan hedduu tu dhihaata. Kun waggoota shantamaa yokaan jaatama dura, fakkeenyaaf yeroo prezidaantummaa Gamaal Abdel-Naasir wanna tahee hin beekne. Kanaaf, Masreiin gara fuul-duraatti tarkaanfataa jirti. Garuu, biyyoota wal-waraasa uummatoota biyyaa fi jaarraalee danuu dhaa booda dimookiraasii ijaarratan wajjiin wal-dorgomsiisuun hin danda’amu” jedhan.

Masriin gama tokkoon, akka Siiriyaa fi Liibiyaa wal-waraasa raayyaa biyyattiitiin toosisametti seenuu irraa of dhaabde iyyuu, gama kaaniin immoo bilisummaalee haarawa argaman ukkaamsitee jirti.

Prezidaantiin Masrii – Abdel Fattaa Al Siilii, bara 2014 keessa filatamanii bakka leellisaa Islaamummaa – Mohammed Morsii buusaman. Amma morsiin filannoo marsaa itti-aanuu kanaaf dorgomuu fedhan. Lammiwwan biyyattii keessaa gariin isaanii deggersas mormiis hin qaban, kaan ni morman, kaan immoo akka isaan taayitaa irra turan fedhan.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Masriin Baatii Bitootessaatti Keessa Fiallnnoo Geggeeffachuf Jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:47 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG