Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afgaanistaan Keessatti Lootee Seentonni Balaa Geesisan


Wiixata har’a laftii ituu hin bari’iin dura haleellaa Kaabuul keessatti gaggeeffameen miseensoonni waraana Afgaanistan 11 ajjefamanii kanneen biroon 16 madaa’uu ibsamee jira.

Haleellaan kun yunivarsitii leenjii waraanaa kennu dhaabbata eegu irratti kan akeekkate ta’u dubbi himaan ministriin ittisa Afgaanistan beeksisanii jiru.

Namoonni ijaan argan akka jedhanti yunivarsitii ittisa biyyooleessaa Marshal Fahim jedhamu cinatti haleellaan kun eega laftii bari’ee boodas itti fufee ture.

Dubbii himaan ministrii ittisaa Dawalt Wazir akka jedhanti haleellaan kun of wareedoonni eega dhaqqabsisanii booda 3 immoo ol seenuuf yaalan.

Wal waraansa gaggeeffameen lootee seentoota keessaa lama ajjefamanII tokko immoo qabamee jira.Shakkamaa ka biroo qabuufis faana dhahaa jiran.

Gareen Islaamik Isteetes balaa kanaaf itti gaafatama fudhatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG