Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koriyaan Lamaan Waan Irratti Walii Galan Gamnii Kaabaa Digaa Jirti


Koriyaan kaabaa dorgommii Oloompkii kan cabbii irratti gaggeeffamuu san dura koriyaa kibbaa waliin agarsiisa aaddaa dhiyeessuuf kan karoorfattee turte dhisuu ishee ministeerri koriyaa kaabaa har’a beeksisanii jiru.

Koriyaan Kaabaa kanaafSababaan kennite sabaa himaa koriyaa kibbaa Piyoongyaang kan ilaaleen dhaamsa arrabsoo dabarsaa waan jiraniif jecha sagantaa Guraandhala 4tti qabamee ture haqxee jirti.

Koriyaan kibbaa immoo tarkaanfiin fudhatame kun hedduu gaddisisaa dha jechuun walii galtee biyyoota lameen giddutti tolfame hundumaa akka hojii irra olchiituuf Koriyaa kaabaa gaafatte.

Torban darbee shamarran 12 kan koriyaa kaabaa tapha qillee cabbie irra Haakii jedhamu gama kibbaa waliin shaakalanii akka gartuu tokkotti taphachuuf jecha daangaa ce’uun koriyaa kibbaa seenan.

Koriyaan bara 1950 ykn waggaa 68 dura sababaa wal waraansa sivilootaan bakka lamatti eega qodamtee as yeroo duraaf akka gartuu tokootti dhiyaachuuf deemu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG