Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hanqinni Roobaa Somaaliyaa Keessaa Yaaddessaa Ta’e: Jaarmolii Gargaarsaa


Hanqinni roobaa Somaaliyaa keessaa hanga eegameen gad ta’e yeroo makaraa waggaa kanaa kan baatii Eblaa keessaaf yaaddoo uumuu jaarmoliin gargaarsaa akeekkachiisaniiru.

Angawoonni gargaarsaa akka jedhanitti garuu haalli isaa kan akka isa waggaa darbe tokkkummaan mootummootaa beelli mudachuu mala jechuun akeekkachiisee miti.

Somaaliyaatti qindeessaan gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa peter de Clereq tuuta oduuf har’a ibsa kennaniin balaa beelli fidu tarkaanfii walii galaa fudhatameen gad xiqqaachuu isaa innaan labsu gammachuutu natti dhaga’ama jedhan.

Garuu jedhan clereq, yeroon kun yeroo nuti hojii hojjennetti itti milkoofne jennu miti. haalli gargaarsaa hedduu rakkisaa dha. Kanaaf milkaa’inni argame kun laaffataa waan ta’eef deggersi waarinsa qabu jiraatu malee akka salphaatti jijjiiramuu mala.

Dhibbaan hongee fi walitti bu’iinsaa uummata takkisaa, qe’ee ofii irraa buqqisuu itti fufee jira jedhan.

Somaaliyaa irra jireessa keessatti waggaa kana ammas oomishi midhaanii hanga eegameen gad ta’uu qorannaan dhiyeenya kutaa wabii nyaataa fi xiinxalaa kan Somaaliyaan ba’e beeksisee jira. Projektiin kun sagantaa nyaataa fi qonnaa kan tokkummaa mootummootaan hoogganama.

Deggersi guddaan itti fufiinsa qabu jiraatu malee baatilee shanan itti aanan keessa wabiin nyaataa biyyattii gad adeemaa deema jedha jaarmayaan kun.

Qorannaan ba’e akka mul’isutti ijoolleen Somaaliyaa kuma 300 ta’an kanneen hanqina nyaata madaalamaan dararaman kuma 48 dabalatee gargaarsa nyaataa eeggatu.

Mootummaan Somaaliyaa Kibxata borii deebii gargaarsa namoomaa fi karoora bara 2018 labsa jedhamee eegama.

Hanqinni Roobaa Somaaliyaa Keessaa Yaaddessaa Ta’e: Jaarmolii Gargaarsaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:35 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG