Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Garee Mormituu Keeniyaa Prezidaantii Biyyattii Ofiin Jechuun Hirbuu Seenan


Hoogganaan garee mormituu Keeniyaa Raailaa Odiingaa deggertoota gammachuun guutaman kanneen kumaan laka’amanii fi har’a waaree booda Uhuruu Paark jedhamutti wal ga’anii simatanii jiran.

Maanguddoon waggaa 73 fi deggertoonni isaanii jamaa walitti qabame gidduu ennaa darbanitti deggertoonni isaanii ennaa isaan prezidaantii uummataa maqaa jedhuun hirbuu seenan wal dhiibaa ilaaluuf ariifataa turan.

Kitaaba Qulqulluu qabatanii hirbuu erga seenanii booda, Odiingaan guyyaan kun uummata Keeniyaaf guyyaa seena qabeessa jedhan.

Tarkaanfiin har’a fudhatame tarkaanfii tokko fuula duratti deemuu dhaan adeemsa filannoo wal dha’aa xumuraan kan ga’e, Dimokraasii dhugaa biyya keenya keessatti kan gad dhaabe jedhan.

Gama biraan ministriin dhimma biyya keessaa battaluma erga sirni sun raawwatee booda gurmuu Odiingaa, akka seera ittisa yakkaa Keeniyaatti kan “National resistance Movement” jedhamu garee yakkamtoota qindaa’ee jechuun ibsa baase.

Odiingaan filannoo prezidaantummaa irra deebii waggaa darbee dhiisanii ba’uu dhaan injifannoo prezidaant Uhuru Kenyattaan labsame illee fudhatama dhabsiisan.

Abbaan alangaa muummichi Keeniyaa akka jedhanitti Odiingaan ofii isaanii prezidaantii godhanii of moggaasuun hojii ganiinsa biyyaa guddaa kan du’aan adabsiisu jedhan.

Waajjirri Prezidaant Keeniyaattaa torban darbe tarkaanfiin kam iyyuu seera keeniyaan ilaalama jechuun Odiingaa akeekkachiisee jira.

Angawoonni deggertoota Odiingaa irratti gaazii imimmaansu biifan iyyuu humna poolisii hedduutu bobbaafama jedhamee eegames gamas hin dhaqqabin hafe. Mormitoonnis hoogganoonni isaanii sirni sun utuu hin geggeeffamin hidhamu jechuun yaadda’anis homtuu hin taane.

Odiingaan yeroo xiqqoof jamaa dhaadannoo uummati tokkoome hin injifatamu jedhu dhageessisu dursuun deemaa turan.

Odiingaan jalqaba baatii Amajjii VOA afaan Swahilif ibsa kennaniin mootummaa fincilu ykn Keenyiaa keessa ykn biyyattii alatti hundeessuun mala jedhanii turan. Odiingaan har’a waaree booda hirbuu erga seenanii booda maqaa Twitter isaanii “prezidaantii Ripublikii Keenyaa” ka jedhutti jijjiiran.

Hoogganaan Garee Mormituu Keeniyaa Prezidaantii Biyyattii Ofiin Jechuun Hirbuu Seenan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:16 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG