Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Afgaanistaan Paakistan Seenanii Jiru


Angawaan nageenya sadarkaa olaanaa kan Afaagaanistaan daawwannaa hin eegamiin Paakistaan keessatti gaggeesanii jiran. Kunis Afgaanistaan keessatti Taalibaan fi gareeleen hidhatan ka biroo haleellaa gaggeessaniin lubbuu namaa galaafachaa waan jiraniif jecha hogganoota Sivilii fi waraanaa wajjiin walta’iinsa gama hundaaf ta’u irra ga’uuf mari’achuuf akka ta’e ibsamee jira.

Itti aanaa ministeera haajaa alaa Amerikaa kan ta’an Jaan Sullivan hogganoonni Afgaanistaan gita isaanii kan paakistaan waliin marii akka gaggeessanif eega gaafatanii sa’atilee hanga tokko booda angawaan Afgaanistan gara Paakistaanti imaluun kun dhaga’ame.

Hokkarra hidhattonni Afgaanistaan keessatti geesisan dabalaa adeemuun Kaabul fi Islaamabaad giddutti muddama hammeesse.

Lootee seentoonni Afgahanistaan keessatti haleellaa geesisan kun yeroo tokko tokko Paakistaan keessa dahatanii shiru jedhama.

Angawoonni Paakistaan garu kana haaluun qorannaan haa gaggeeffamu jedhan.Haleellaa gaggeeffame garu balaaleeffatanii jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG