Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manii Murtii Olaanaa Keenyaa TV biyya isaa mootummaan cufe sadeen akka banan hajaje


Istuudiyoo TV keenyaa mootummaa cufee manii murtii ammoo bane keessaa tokko ntv ,Naayroobi Gurrandhala 1,2018

Televizhiinii sadeen kana itti gaafatamaa paartii mormituu Keenyaa,Rahilaa Odiingaa kakaktee pirezidaantummaa labastee fi gumii gammachuu sunii dhufte agarsiisaniif cufan.

Yo Odiinaan kakatee pirezidaantummaa labsate sun nama kuma hedduutti Naayroobiitti qophii tanaaf baheef.

Odiinaan filannoon pirezidaantummaa Keenyaa ta ganna dabre seera hin guunne jedhee pirezidaantii jedhee gumii yaammatee labsate.

Mootummaan Pirezidaantii Keenyaa ka ammaa manii murtiilleen pirezidaantummaan beekuuf wannii Odiingaan tahuutti jiru waan seeraa fi aada-malee waan TV dabarsuu hin malle dabarsaniif jedhan jedha.

Ministerii biyya keessaa Keenyaa, Fred Matiangi hujiin Odiingaan itti jiru mootummaa gara galchuuu jedhee TV fi raadonii biyya sunii kakuu sun dubbatte kalee cufe.

TV cufanii amma hajaja mana murtiitiin akka banan hajajan kun Citizen TV,KTN fi Nation

Akka odiingaan warra isa deeggaruun jedhetti demokiraasiin Keenyaa afaan balaa jala jirtii warrii paartii biyya bulchitu kun warra mataan dansaatii miti.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG