Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Super Bowl Amerikaa bara 2018 Filadelfiyaatti moo’ee Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa,CHAN ammoo Morookootti qabaadhate

  • Soraa Halakee

Shaampiyoonaa Super Bow Amrikaa Filadefiyaa fi Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa,Morookoo

Pink faaruu alaabaa Amerikaa, Star Spangled faarsite Justin Timberlake ammoo ummata istaadiyoomii US Bank keessatti walti dhufe kuma 67 caalu sirbee namaa fi lafa walti chochoose.

Dorgommii Super Bowl 2018 Amerikaa tana guddoo jaalatanii nama miliyoona dhibba hedduutti TV daawwata.Gatiin beeksisa sekondii 30f yoo boqonnaa TV irratti agarsiifatan barana dooalara miliyoona shaniiti.

Namii dorgommii tana irratti touchdown (gooli qabxii jaha qabdu) argate maqaa guddaa argata.

Gareen Filadelfifiya,Eagles waancaa dorgommii kubbaa harkaa fi miilaa Americaa Super Bowl waancaa dorgommii kubbaa harkaa fi miilaa eda Niiwu Ingilaandi waliin tapahtan irratti 41-33 moote.

Fiiliin takkumaa dorgommii akkanaa hibn moone. Niiwu Ingilaandi ammoo qaraayyuu marroo shan moote.

Tapha kalee kana akka qara namii hedduun herregetti New England Patriots Philadelphia Eagles hin mooti.

Warra Filadelfiyaa milkeessee moosisee keessaa Nick Fooles,Jey Ajaayi,Zach Ertz fa.

Jay Ajayi dhalootaan nama Londoniiti ji’a afuriin duratti kiLABII Miami irraa Philadelpha Eagles fudhatte.

Warrii Filadelfiyaa gareen isaanii waliin Fly,Eagles Fly jechaa qahee ufiitti galee lafa chochoofachuutti jira.

Gurbaan Londonitti dhalate ji’uma aufrin duratti kilabii Miami irraa Phialdelifyaaa dhufe Jay Ajayi fa.

NFL, National Foot Ball League maqaa kilabii garee biyyoolessa Amerikaati. Akkuma kubbaa miilaa namii 22 garee lama keessaa dirree irratti waliin taphata.

Taphii kun horii guddaa qabaa.Nama garee biyyooleessaa keessaa taphatu ganna tokkottuu mindaan isaa doolara kuma 400 caaltuun jalqaba.

Shaampiyoonaa dorgommii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa baranaa Morookootti Naayjeeriyaa 4-0 moo’ee waancaa fudhate.

Morookoon biyyitii dorgommii qopheessite ta baranuma dorgommii Shaampiyoonaa CHAN taate.

Goolii Morookoo ta qaraa Zakrariyaa Hadraafitti keessa buuseef, gurbaa Naayjeeriyaa Peter Eneji seera taphaa yakke jedhanii tapha baasanii adoo diqqoollee hin turin Walid El Kartii fi Hadraf goolii tokko tokko Moroof galchan.

Eegee ammoo gurbaan Morookoo Ayoub El Kaabi tokko irra buuseefii taphii 4-0 dhumate.

Dorgommii kubbaa miilaa Waancaa Afrikaa ka baranaa kana biyya 16 marroo 32 taphatee goolii 58tti gale.

Suudan sadeesoo baatee Liibiyaan ammoo afreessoo.Suudaniin tapha irratti Liibyaan 1-1 walqixxee baatee eegee adababii kennaniinfiif 4-2 moote.Namichii Suudanii goolii eegu Akram El Hadi adabii lama qabeef.

Mohaammad Saalaa namicha dhalootaan Masrii ka ammaa EPL keesaa kilabii Liver Pool taphatu adoo silaa kilabiitti gurgurani akka Phil Babba, namcihii durii EPL keessatti Liver Pool fi Sunderland taphatu jedhutti Euro miliyoona 100 baasa.

Phili amma ganna 47 kun marroo kilabii UK tattanaaf marroo 370 taphate. Akka Phil gaazexaa Premier League Daily irratt jedhetti gatiin Saalaaa Euro miliyoona 100 hin caala.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG