Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Somaaliyaa Adaba Du’aatu Irratti Murame


Baatii Onkolooleessa darbee kokolaataa fe’umsaa irraa Haleellaa Bombii gaggeeffame nama hogganee jedhame manni murtii waraanaa kan Somaaliyaa adaba du’aa irratti murteessee jira.

Dura ta’aa mana murtii waraanaa kan ta’an Hassan Ali Shute akka jedhanti balaa kokolaataan dhaqqabee fi yoo xiqqaate lubbuu nama 500 galaafatee sana ilalchisee adabii kan irratti muramee Hassan Aden Isaak gaafuuma sana konkolaataa isa lammffaa haleellaa geesisuuf deemu ofaa ture.

Hassan Isaak garee hidhattoota Al-Shabaab isa haleellaa sana dhaqqabsiise fi Moqadishoo keessatti ajjechaa gaggeessuu hogganaa ture jedhama.Kanaaf konkolaataa fe’umsaa lama kanneen Onkolooleessa 14 Moqaadishoo keessatti haleellaa gaggeessan.Knaafis itti gaafatamaadha jedhamee jira.

Kanaaf ragaa jiran eega ilaalamanii booda du’an akka adabamuu murteeffame jedhan dura ta’an mana murtii .Yoo abukaatoon isaa ol-iyyannoo hin dhiyeessin hafa Isaak itti dhukaafamee kan ajjefamuuf jiru ta’uun ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG