Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaakob Zumaa Irratti Dhiibbaan Hammaataa Jira


Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Jaakob Zumaa

Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Jaakob Zumaa haasawaa biyyooleessaa kan waggaa Kamiisa fullee keenyaa gochuuf turan yeroo biraatti darbee jira.Kunis prezidaantichii aangoo akka gadhisaniif caalaatti dhiibbaa gochuuf deema.

Haasawaan Zumaa kan silaa Kamiisa dhuftuutti saganteeffamee ture hafuu afaan yaa’ii paarlaamaa Baleka Mbetetu oduu gabaastootaaf Keep Taawon keessaatti ibse.

Haala siyaasaa mija’aa ta’e paarlaamaa keessatti uumuuf jecha yeroo barbaanna jedhan.Zumaan baatii Muddee dabre hoggantummaa paartii biyya bulchaa jiru ANC irraa eega kaafamanii booda aangoo akka gadhiisaniif dhiibbaan itti jabaataa jira.

Prezidaantummaan Zumaa kan malaamaltummaan guutame waan ta’eef jecha itti aanaa isaaniitu paartii Afrikaa kibbaa bulchuu hogganaa jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG