Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qawwee Qabaachuuf Qorannaan Sadarkaa Federaalaa Cimaan Barbaachisaa Ta’uu Traamp Itti Amanan


Mana barnootaa kutaa Flooriidaa keessatti dhukaasa banameen namoonni 17 erga dhumanii booda nammni qawwee bitatu cimsee sadarkaa federaalaatti qorannaan akka irratti geggeessamuuf tattaaffii godhamu prezidaant Doonaald Traamp ka deggeran ta’uu WH beeksisee jira.

Dubbi himtuun White House Saraa Hakabee Sanders akka jedhanitti Traamp seera gam lamaan hirmaachisee kan demokraaticha kutaa kenetikeet kan yeroo dheeraaf farra qawwee qabachuu ta’uun falmaa turan Senator chris Murphy waliin mari’ataniiru jedhan.

Kan umuriin isaa 19 Nikolaz Cruz barattoota 14 fi ga’eessota sadiitti dukaasuu isaa kana amane ta’uu poolisiin beeksisee jira. NIkolaas mana barnootaa keessatti inni namoota galaafate parkland keessaa waggaa darbe erga ari’atamee booda qawwee AR-15 jedhu kan bitate qorannaa geggeessame erga darbee booda.

Washington keessaa seera tumtoonni demokraatotaa qawwee bitachuuf to’annaa cimaan akka geggeessamu yoo gaafatan Repuublikaanonni immoo mormuu dhaan seera heera irra taa’ee jiru kan qawwee qabachuu dhiita jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG