Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaa wangeelaa jaarraa 20ffaa beekamaa lammiin Ameerikaa Bilii Graam umurii isaanii waggaa 99tti har’a addunyaa kana irraa du’aan boqotan.

Biilii Graam biyyoota 185 addunyaa irra jiru keessa kan jiru uummata miliyoona 200 ta’utti wangeela ennaa lallaban yeroo mara Macaafa Qulqulluu ol kaasaanii agarsiisuu dhaan ture.

Ennaa isaan yaaroo hafuuraa qopheessan uummata kumaan laka’aman kan irratti argaman ennaa ta’u TV fi saatelaayitii dhaan uummata miliyoonaan laka’amu wangeelaan dhaqqabaniiru.

Biilii Graam waggoota torbaatamaaf ennaa Wangeela lallabaa turan Gooftaa Yesuusiin Ofitti fudhatanii Simachuun mala tokkicha nagaan ilmaan namaaf argamu jechuun labsaa turan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG