Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoolleen Durbaa 90 Ol Mana Barnootaa Naayjeeriyaa Keessaa Dhabaman


Gareen Bookoo Haraam guuyyoota lama dura Naayjeeriyaa Kaaba gama bahaa kutaa Yobe keessatti kan argamu mana barnootaa tokko erga haleelee booda ijoollee durbaa 90 ol achi buuteen isaanii dhabame.

Namoonni dhimma kana kallatteen beekan akka jedhanitti barattoota 91tu kaleessa mana barnootaa keessaa dhabaman.

Dhabamuun ijoollee kanaa Bookoo Haaraam ammas ijoollee walitti qabuu ukkaamsee bute yaaddoo jedhu dhaqqabsiisee jira. Baatii Ebla bara 2014 ganda Chiibook 276 garee Bookoo Haraamiin ukkaamsamanii butamuun isaanii ni yaadatamai.

Poolisiin Naayjeeriyaa fi ministeerri barnoota naannoo Sanaa maatii fi kanneen ijaan argan ijoolleen kun dhabamuu ibsanis ukkaamsamanii butamuu ijoollee kanaa haalaa jiran. Ministriin barnoota biyyattiis butamuu ijoollee kanaa haaluu dhaan maatiif barattoonni kun deebisanii akka wal arganiif jedhee mana barnootichaa torban tokkoof cufee jira.

Kanneen ijaan argan Reutersiif akka ibsanitti garuu leellistoonni Boko Haram Wiixata galgala Dapaachii kan seenan yoo ta’u kaan isaanii meeshaa waraanaa gurguddaa hidhataniiru jedhan. mana barnootichaa irratti dhukaasa banuu isaanii illee dubbatan. Gurumuun baraarsaa Nigeriaa ijoollee kana barbaadaa jiraachuu beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG