Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Somaaliyaa Al Shababitti Hidhata Qabu Jechuun Ijoollee Dararu: Human Rights Watch


Angawooni mootummaa Somaaliyaa ijoollee garee Al-Shabaabittii hidhata qabu ittiin jedhan dararu jechuu dhaan Human Rights Watch himatee jira.

Gabaasa har’a baaseen gareen mirga namaa kun akka jedhetti ijoolleen dhiiraa seeraan ala hidhamuu dhaan yeroo tokko tokkos mana murtii waraanaan himatamu.

Mootummaan Federaala Somaaliyaa ijoolleen kun akka dandammataniif jarmyaa gargaarsa ijoollee kan yeroo hatattamaa tokkummaa mootummootaaf dabarsee akka kennu waadaa seenee jira.

Gabaasi sun garuu angawoota biyyoolessaa fi naannoo kanneen seera mirga namaa addunyaa cabsaa jiran biraa deebiin amanamaan hin argamne jedhee jira.

Mootummaan biyyattii tokkummaa mootummotaa waliin torban tokkoof erga mari’atee booda ijoollee Al-Shabaabiin qabamanii turan 36 Amajjii 18 gad dhiisisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG