Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Doonaald Traamp To’annaan Qawwee akka Jiraatu Gaafatan


Prezidaant Doonaald Traamp meeshaa waraanaa jamaa fixu akka ugguramu akkasumas kanneen qawwee bitatan sirriitti akka qorataman deggeruu isaanii erga ebsanii booda har’a White Housetti ijoollee barattootaa, maatiiwwan fi barsiistota kanneen dhukaasa mana barnootaa keessaan miidhaan irra ga’e simatanii dhaggeeffatanii jiran.

Kanneen marii kana irratti hirmaatan keessaa barattoota Floriidaatti kan argamu mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Marjory Stoneman Douglas kan gurbaan barataa achii ture roobii darbe ijoollee 17 galafatee keessatti argamu.

Barattootnni 100 ol ta’an har’a mana mootummaa kutaa Flooridaa fuulleetti wal ga’uu dhaan jijjiiramni qawwee qabaachuu akka jiraatu gaafataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG