Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’ee Qawwee Irratti Fulleefannee Dubbachuu Qabna. Prezidaant Traamp


Baatii kana keessa ajjechaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Floridaa irratti dhaqqabe yeroo bulchiitoonni kutaalee Amerikaa maraa wal ga’an ajandaa duraa akka ta’u prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp dubbatanii jiru.

Kun dhimmi biyya keenya keessatti xumuura argachuu qabu jedhan Traamp Dilbata darbee haasawaa dhageesisaniin.Kutaaleen Amerikaa Qawwee bitachuu fi qabaachuu kan ilaaleen seera adda addaa kan qaban yoo ta’u haala itti qawwee to’achuun danda’amu irratti ilaalcha adda addaa qaban.

Kanaaf mootummaan Federaalaa tarkaanfii ofii fudhachuu qaba.Miseensoonni seeneetaa fi seera tumtoonni Amerikaa torban tokkoof boqonnaa irra eega turanii booda har’a hojiitti deebi’an.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG