Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maatiilee Oromoo: Namoota Keenya Mootummaan Ukkaamsee Fudhate Achi-buutee Isaanii Baruuf Baroota Hedduuf Barbaadaa Jirra


Lammilee Oromoo bakka buuteen isaanii dhabame, maatiin isaanii haga ammmaatti akka barbaadaa jiran – Raadiyoo Sagalee Ameerikaa – VOAf ibsan. Keessumaa bara mootummaa cehumsaa Itiyoophiyaa ka jalqaba bara 1990mootaa keessa humnoota mootummaa Itiyoophiyaatiin qabaman dhabaman achi buutee isaanii baruuf eenyuun akka gaafatan dhabanii kan gidiramaa jiran tahuu dubbatu – maatiileen kun.

Obbo Baqqalaa Abbabaa bara 1997 ka dhabaman yoo tahu, mucaan isaanii Alemtsehay Baqqalaa – achi-buutee abbaa ishee baruuf bakka hedduutti iyyattee, qaama mootummaa irraas tahe dhaabota mootummaa irraa birmannaa dhabuu ishee dubbatti

Bara 1993 irraa jalqabee haga ammaatti ka dhabamanii jiran miseensi koree giddu-galeessa ABO duraanii - obbo Nadhii Gammadaas kanneen keessaa tokko. Obboleessi isaanii obbo Xahaa Usmaan “yeroo adda addaatti yeroo bakka inni bu’e qorachuuf yoo achi-bbutee isaa yaallu’ humnoota mootummaatiin doorsisamna jedhu” jechuun gabaasaa keenyaaf ibsan.

Tokkummaa Mootummootaatti, Koomishinarri Ol’aanaan Mirga Dhala-namaa, gabaasa isaa ka bara 1996 keessatti, bara 1991– bara 1994 gidduutti lammileen Itiyoophiyaa 102 ol ta’an dhabamanii, achi buuteen isaanii akka hin beekamne eeruudhaan, Mootummaan Itiyoophiyaa garuu namoota eessa buuteen isaanii dhabame kana ilaalchisee akka deebii guutuu hin laatiin eeree ture.

Dhaabbata Amnesty International’tti qo’ataa dhimma Itiyoophiyaa ka ta’an obbo Fissehaa Teklee immoo, maatiiwwan kun otuu abdii hin kutatiin firoottan isaanii kana akka iyyaafatan hubachisan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:01 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG