Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Israa’el Ameerikaa Daawwataa Jiran


Muummichi ministeeraa Israa’el Benjamiin Natanyaahuu mala waraanni Iraan giddu galeessa bahaa keessatti akka hin babal’anne ittisuu prezidaant Doonaald Traamp waliin mari’achuuf jecha Washingotonitti argamu.

Mariin isaanii kun kan dhaga’ame wayita Traamp walii galtee addunyaa bara 2015 Theran waliin irra ga’ame kan meeshaa nukleraa ishee hanqisuu irratti fuuleffate keessaa ba’uuf fi dhiisuu irratti yaadaa jiranitti.

Natanyaahuun walii galteen sun barbaachisaa miti jechuun mormaa turan.

Traamp garuu biyyoota murteessoo kan akka Briteen, Ferensaay, Germany, Gamtaa Awrooppaa, China fi Raashiyaa biraa walii galtee sana keessa deebi’amee akka ilaalamuuf deggersa hin argatin hafan.

Natanyaahuun gara Wahingtonitti utuu hin imalin dura akka jedhanitti dhimmoota hedduu irratti Traamp mari’achuuf yaadaa jiran. Keessumaa dhimma Iraan fedhii nukleraa qabaachuu isheef tarkaanfii iseen giddu galeessa bahaa keessatti fudhataa jirtuu irratti ka fuuleffatan ta’uu beeksisan.

Humnoonni Iraan Siiriyaa keessatti bal’achuu isaaf prezidaant Bashar al-Assadiin keessumaa deggeruun Natanyaahuuf yaaddoo ta’uu ibsan. Siiriyaa keessaa illee maadhee dhaabbataa qabaachuuf fedha qabaachuu Tehraan qeeqaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG